Afaan Argachuu fi Mirga Kunuunsa Qulqullina Qabu keessan
Dhukkubsataan hundi mirga tajaajiloota kunuunsa fayyaa afaan isaan hubataniin argachuu qaba. Gaaffiilee gaafachuu, yaaddoowwan kaasuu fi doktaroora keessan fi garee kunuunsa fayyaa keessan wajjiin haala bu’a qabeessa ta’een dubbachuu danda’uun keessan barbaachisaadha. Sababa kanaafi M Health Fairview tajaajiloota nama turjumaanaa afaanii kennuu fi hiikkaa afaanii bilisaa fi gargaarsota qunnamtii guyyaatti sa’aatii 24, torbanitti guyyaa torba kan kennu. Nama afaan hiiku gaafachuu dandeessu:
- Yeroo beellama keessan itti qabattan
- Beellama keessaniin duratti yeroo kamittuu
- Yeroo beellama keessaniif dhuftan
- Yeroo beellama keessanii yeroo kamittuu hojjetaa tokkotti tajaajiloota afaan hiikuu akka barbaaddan yeroo itti himtan.
Haala Akkamiitiin Hojjeta?
Tajaajiloonni hiikkaa afaanii kaffaltii malee bilisaan guyyaa keessatti sa'aatii 24, torbanitti guyyaa torba ni argamu. Namoonni hiikkaa afaanii kennan qaamaan, bilbilaanii fi viidiyoodhaan hojjetan kan afaanota hedduu ni argamu. Tajaajiloonni hiikkaa afaanii bilbilaa fi viidiyoo yeroo barbaadametti afaanotaa fi loqodoota gara 250 ta'aniif ni argamu.
Tajaajiloonni hiikkaa afaanii qaamaan kennaman afaanota armaan gadiitif ni argamu:
- Ispaanish
- Somali
- Hmong/Lao
- Afaan Oromoo/Amaaraa
- Karen
- ASL
- Afaan Raashiiyaa
- Afaan Veetinaam
- Afaan Kaamboodiyaa
- kanneen biroonis yeroo gaafataman ni jiru
Akkasumas meeshaalee gargaarsota qunnamtii dabalataa, tajaajiloota dubbii sagalee battalumatti gara barreeffamatti jijjiiramu (real-time captioning) fi meeshaalee barnoota dhukkubsattootaaf tajaajiloota hiikkaa ni kennina.
Yeroo daawwannaa keessan isa jalqabaaf beellama kenninu, waa’ee afaan filattanii fi tajaajiloonni hiikkaa afaanii isin barbaachisuu fi dhiisuu isaanii ni gaafanna. Fedhiiwwan hiikkaa afaanii keessan chaartii keessan keessatti erga guutamanii booda, daawwannaa hunda irratti tajaajiloota hiikkaa afaanii ni mijeessina.
Tajaajiloota namoota dhagahuu hin dandeenyee fi rakkoo dhageettii qabanii
Dhukkubsattoota gurraan dhagahuu hin dandeenye, Ijaan arguu fi gurraan dhagahuu hin dandeenye ykn rakkoo dhageettii qabaniif namoota hiikkaa afaanii kennan Afaan Mallattoo Ameerikaa (ASL) ykn CART waraqaa ragaa qabaniin ni kennina. Meeshaaleen gargaarsota quunnamtii yeroo gaafataman kaffaltii malee ni argamu. Tajaajiloota kannnen yoo barbaaddan, maaloo hojjetaa M Health Fairview kamiyyuuttuu himuun filannoowwan keessan ibsaa.
Sanadootaa fi Imaammatoota Afaan Keessaniin Argaman
Sanadoota gara afaan isin filattanitti hiikneerra ta'uu mala. Maaloo armaan gaditti ilaalaa.